2 Samuel 21:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoosi nama d'iira torba, ka worra isaa, nuti kenna duuba nu AABBO Waaqa durati Gibea keesati dira Saulo hayyu AABBO Waaqi fohateeti worra fafannimna. Duuba hayyichi waan jed'eeni, Hayye, hataatuti worra harkuma keesaniti kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu fiixaa Saa'olii keessaa dhiira torbaa nuu kenni nullee isaan qachaa Gibi'a'aa ta Rabbi Saa'oliin irratti muudee moosise keessatti Rabbiin afo'otti isaan fannifnaa» jedhaniin. Mootichillee, «Isinii kenna» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
maarre sanyii isaa keessaa ilmaan dhiiraa torba harka keennatti dabarsii kenni; nuutille biyya Saa'olii ka Mootiin Waan Maraa filate keessatti, Mootii Waan Maraa duratti isaan ijjeennee hin fanninna» jedhane. Maarre mootichille, «Isaan harka keessanitti dabarsee hin kenna» jedhe.