2 Samuel 23:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo inni chochou dide worra Filisti suni had'uma had'e ato ituma jiru, harki isaa goraadeti gogoge gad'iisu dad'abe. Guyya suni AABBO Waaqi worra Israeli dabsacha guddo kenneefi, duuba eegi had'iisi hobae, worri fulla Eleazarini jiruti dachae, worra fit'ani kaani miha lola iraa hikhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni garuu ka'ee dhaqee haga harki isaa haree dadhabutti worra Filisxeemii dhaye; guyyaa san Rabbi mootee guddaa kenneef; isaan maayessa baniin haga lolli dhaabate boojuu callaa guurachu'uuf deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammoo haga irreen isaa irraa buututti, haga harki isaa shallaaga'atti gogutti Filisxeemota lole; guyyaa san Waaqi injifachaa guddaa isaaf kenne. Loltooti gara Ele'azaarii deebi'anee Filisxeemota worra ijjeefame irraa meya lolaa mulqatane.