2 Samuel 24:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani Waaqaa Yerusalemu balleesiti kurfefate, jennaani, AABBO Waaqa herega badi ka namaani balleesu suni jijirate, waan malaika worra hobaasu jirtuuni jed'e, Laki! ta qaraatu ya geete, yaalabai! Yo suni malaikaani oobdi Arauna, ka gosa Yebusi, d'aatu ejiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan Rabbii Yerusaalemiin balleessu'uuf hennaa harka ufii hiixate, Rabbi waan hamaa saniif gaddee maleekkaa banii fixa'aaruun, «Amma hin gayaa harka kee deeffadhu» jedheen; hennaa san Maleekkaan Rabbii Oorii nama gosa Iyyaabuusiitii fi Oobdii bira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ergamaan Waaqaa Yerusaalem balleessiisaaf harka ifii diriirse, Mootiin Waan Maraa marroo badii sanii gaddee, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu.