2 Samuel 3:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni Yoabufi jari Daudi, ka waan heddu boojie, had'iisa nyaapati gale ammo Abinerini yoosuni, Hebroni fulla Daudini jiru ya deeme, wonti akanatiifi Daudini yayu eebisefi nagayaani ga d'ise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san loltoonni Daawitiitii fi Iyyoo'aabii boojuu guddaa booji'anii dhufan; Abaaneer ammo Daawitiin geegessee nagayaan deeme malee Keebroonitti hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti Daawitiitii fi namooti Abneerii yennuma san boojuu bacaa fudhatanee duula irraa deebi'ane; Daawiti nageyaan waan isa geegesseeruuf, Abneer Kebroon keessa hin jiruuyyu.