2 Samuel 3:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoabuni Daudi biraa bahe nama Abineri yaamu iti erge duuba eegi inni eela Sirale dabre keesa deebisani; ammo dubbi suni Daudini quba inqabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga Iyyoo'aab afoo Daawitiitii ka'ee deemeen maayessa Abaaneeriin akka fidaniif ergamtoota erge; isaanillee boolla bisaanii ka Seeyiraa jedhamu biraa qabanii deebisan; Daawiti garuu waan kana oduu hin qabu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yo'aab Daawiti biraa deemee, Abneer akka fidanuuf namoota erge; namootille baleessa, «Siiraa» jedhamu biratti dhaqqabanee isa deebisane; Daawiti ammoo waan kana hin beenne.