2 Samuel 3:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abinerini Hebronini bahe jennaani Yoabuni kobati isa fuud'e, fulla fullo geese aka waan d'ossaa iti himu fed'u, artumati garaa keesa woraane ijeese, waan inni duri oboleesa isaa Asaheli ijeesefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abaaneerillee gara Keebroonii hennaa deebi'e, Iyyoo'aab balbala afo'otti hennaa diqqo'oof isa woliin dubbatu'uuf akka waan isa woliin waa dubbatuu godhee gara balbalaa siisse; achumatti dhiiga obboleessa ufii Asaaheeliitiif haluu bayu'uuf garaa woraaneen; innillee hin du'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abneer gara Kebroonii yennaa deebi'e, Yo'aab qofuu isa dubbisuu akka barbaadee gara karraa isa geesse; achitti haluu dhiiga obboleessa ifii Asaahelii bayiisaaf gadhaa isaa woraanee ijjeese.