2 Samuel 3:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Harka isaa inhiine, miila isaale wolti inhiine; inni aka nama algali ijeese due! Ammalle biyyiti isaa boote.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harki si hin hidhamne, lutti kee haada sibiilaatiin hin qabamne, akkuma nama harka worra waan hamaa hojjatutti kufuu, atillee akkasuma kufte!» jedhee faarsee booye; baniin maruu ammallee guddisanii mararamanii booyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harki keeti hin hidhanne; miilli keetille wodaroo sibiilaatiin hin hidhanne; ati akka nama namoota hamoolee duratti du'uu duute» jedhee faarfate. Kolbaan martinuu ammalle isaaf bootte.