2 Samuel 4:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini jara isatini, worra ijeesa jed'e, jennaani ijeesani, harkaafi miila iraa ch'irani, d'aatu haro Hebroniti fannisani, mata Ishboshethile fuud'ani awaala Abineri keesati Hebroniti awaalani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawitillee loltoota ufii ajajee harkaa fi luka isaanii muranii isaan ajjeesanii reeffa isaanii Keebrooniin hulee bisaan kuufamu biratti rarraasan; mataa Iyyaabuste'ee ammo fuudhanii Keebroonitti awwaala Abaaneerii biratti awwaalan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Daawiti namoota ifii ajajee, isaanille isaan ijjeesanee harkaa fi miila isaanii muranee, reeffa isaanii baleessa Kebroon bira jiru biratti fannisane; mataa Ish-Bosheetii ammoo fuudhanee qachaa Kebroonii keessatti addee awwaala Abneerii biratti awwaalane.