2 Samuel 4:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
oldabrani fulla Ishboshethini rafu d'ufani isa ijeesani, ato inni ufumaa sire gubba rafu. Mata ira kutani, kaani itiini d'aabatani, halkani suni ch'ufa bale Yordani keesa yaa bulani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa gara manaa seenan, inni gola keessatti afinaa irra rafee uduu jiru dhayanii ajjeesan; morma isaallee muranii fudhatan; halkan guutuu karaa Arabaatiin deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan Ish-bosheet kolloo ifii keessa taqee irraa adoo irkatee jiruu seenane; isaan isa woraananee ijjeesaneen duuba mataa isaa muranee fudhatanee halkan guutuu karaa Arabaayii deemane.