2 Samuel 4:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mata isaa suni hayyu Daudi ka Hebroni jirutini d'ufani, waan jed'aniini, Mataani Ishboshethi, ilmi nyaapa kanke Saulo, ka si ijeesu fed'e, kuno kana. Arra AABBO Waaqi yayu nyaapa kanke Saulofi d'aloota isaa haalo si baafachise, ee hayyicha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mataa Iyyaabuste'eellee qabatanii gara Keebroonii gara Daawitii fidan; mootichaan, «Ka lubbuu kee soqa'aa ture ka diina keetii ilma Saa'olii kunoo mataa Iyyaabuste'ee Rabbi adha Saa'oliif fiixaa gooftaa mootii keennaatiif haluu bayeeraaf» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mataa Ish-Bosheetii san Kebroonitti gara Daawitii mootichaa fidanee, «Mataan diina keeti Ish-Bosheetii ilma Saa'olii ka si ijjeesiisaaf barbaadee kunoo ti; guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa si goottaa mooticha keennaaf, Saa'olii fi sanyii isaatiifille haluu bayeera» jedhane.