2 Samuel 5:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni Daudini waan worra isaatini jed'e, Isaani nami tokoleeni ka aka kiyya kana worra Yebusi jibbe hobaasu fed'u jira? Yoosi beena, boola bisaani ta lafa jalati baqasani suni gula yaa worra naafafi balla suni had'a balleesa. (Wonti ballaafi naafi dandae Mana AABBO Waaqa iseenu jed'anifi tana.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san Daawiti Iyyaabusoota ka dhayu karaa deemsa bisaaniitiin haa bayuu; ka lubbuun Daawitii jibbitu worra ijaan hin arginee fi worra hokkolu haa baasuu» jedhe; worri ijaan hin arginee fi worri hokkoluu gara manaa akka hin seene jedhame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san Daawiti, «Nami Yibusoota worra balla'aa fi naafa, diinota Daawitii injifatiisaaf barbaadu, xurree bisaan yaa'u ta lafa jalaatiin dabaruu ti» jedhe; kanaaf, «Balla'aa fi naafi mana mootumma'aa hin seenanu» jedhamane.