2 Samuel 6:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini aka AABBO Waaqi worra Obed-Edomutifi waan inni qabu ch'ufa maro Sanduqa Wold'aqisatiifi eebise d'ageennaani, Sanduqa Wold'aqisa mana Obed-Edomu suni keesa fuud'e, gammada guddaani Yerusalemuni d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Daawiti Rabbi mana Abidaara'aatii fi waan inni qabu maraa sababaa saanduuqa waadaa Rabbiitiif akka eebbise dhagaye; Daawitillee dhaqee saanduuqa waadaa Rabbii mana Abidaara'aatii gara qachaa Daawitii gammachu'uun akka fidan godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda'aan fide.