2 Samuel 7:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gochiti lafa gubbaa jirtu, ta aka gosa Israeli, ta atini tissooma jalaa baafte nama kanke tolfate injirtu. Wonti mama guddooni ta atini worraa tolchite yayu gurra kanke lafa ch'ufaani qit'eesite. Atini gosa d'ibifi waaqa worrale, ato worri atini lafa Misiriti baafte kanke tolfate d'ufu jiru, duraa gussite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaaf akka ta'u banii fayyisu'uuf maqaa ufiitiif godhachu'uuf waan ajaa'ibaatii fi waan maalalee godhu'uuf bani'ii fi waaqolee tolfamaa isaa afoo isaaniitii balleessu'uuf Rabbi garbummaa biyya Misirii jalaa isaan baase ka akka banii kee Israa'elii jiru lafa irra banii maaltu jira?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa teeti godhatiisaaf ka ati wodatte, ka ati dura isaanii deentee, maqaan keeti akka beekkamuuf, gosa biyya adda addaatii fi waaqota dharaa ka isaanii ka isaan duraa balleessite, waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu isaaniif gootee, ka biyya Gibxi'iitii baatte, kolbaa teeti Israa'elii malee kolbaan dhibiin lafa irra jirtii?