2 Samuel 7:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka maqaani kanke haga jiru jireenna guddate, duuba, namileeni, AABBO Waaqi guddaani Waaqa Israeli jed'u! Duuba worri hojattu kanke Daudileni si durati hore bulu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Gooftaan banii maraa akka Waaqa Israa'elii jedhamu maqaan kee bara baraan haa guddatu; manni Daawitii ka garbicha keetii si afo'otti ka jabaate haa ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba, maqaan keetille haga bara baraa guddaa hin te'a; namootille, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan; sanyiin tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti.