2 Samuel 9:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sifi ilmaani tanteetifi hojattuuni tanteeleni oobru worra isaati qottani mid'aani galchitanifi, aka worri liqimsa argatu. Ammo Mefiboshethini hojja ch'ufa ammaa achi na woliini sagale nyaata. (Sibani ilma d'iira kud'ani shanifi hojatu diddama qaba.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
atii fi ijoolleen tee hojjattoonni tee lafa qota'aafii ilma gooftaa keetiitiif nyaata akka ta'u midhaan galchiif; ilmi gooftaa keetii Memfiboosteen garuu hennaa maraa kooboo kiyya keessaa nyaata» jedheen. Sibaan ijoollee kudha shanii fi garboota diddama qaba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati, ilmaan teetii fi tajaajiltooti teeti akaakoon goottaa keetii waan nyaatu akka dhaggatu lafa isaaf qota'aatii midhaan isaaf galcha'a! Akaakoon goottaa keetii Mefii-Bosheet ammoo yennaa mara qorii tiyya keessaa nyaata» jedhe; Ziibaan ilmaan kudhanii shanii fi tajaajiltoota diddama qabaayyu.