2 Thessalonians 1:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti nu hojja ch'ufa Waaqa isanii kad'annuufi tana. Nu Waaqa keenna isanii kad'anna, aka isani jireenna inni iti isani yaame argattani. Jabeenna isaatiini inni yaada dansa ka isani feetani isanii kenne huji teesani dansa ta d'ugefacha guutinna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf nu yo cufaa akka isan jireenna Waaqii keenna itti isan yaame argattanii, jabeenna isatiin waan dansaa isan feetan cufaa isanii kennee, isan hujii teessan dansaa dhugeeffachaa guuttan, yo cufaa isanii kadhanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa, akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanti'ii jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa Rabbiin kadhanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanta'aa jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa faateeffanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana yaadu'uun waayee keessaniif uduu addaan hin kutin ka kadhannu, Waaqinni keenna waamicha isaatiif gayeessota akka isin taasisuu fi waan mishaa raawwachu'uuf fedhiin isin qabddanii fi hujiin keessan ka amanti'ii marrinuu, huminna isaatiin akka isinii raawwatamuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna.