2 Thessalonians 1:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf miidha'aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna'aan jabaattaneef, nuuti wolde'ota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi nu gumi Waaqa keesa dansooma keesani dubbanna. Aka isani obsitani d'ugefattani dubbanna, gaargalafi d'ipu isani argattani keesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatif nu gumii Waaqaa keessaatti dansooma keessan dubbanna. Akka isan gaargalaa fi dhiphuu isantti dhufte keessaatti obsitanii dhugeeffattan dubbanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu ari'amu'uu fi rakkoo isin irra gaye maraa keessatti waan obsitanii fi amanti'iinillee waan jabaattaniif, tokkummaa Woldaa Kiristaanaa keessatti nu isiniin boonna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu ari'amu'uu fi rakkoo isin irra gaye maraa keessatti waan obsitanii fi amanta'aanillee waan jabaattaniif, tokkummaa Woldaa Kiristaanaa keessatti nu isiniin boonna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf yoma rakkinnii fi sarddaminni baayi'een isin irra gaye'llee, isin attam obissitootaa fi amantii keessaniin jabaattanii ka dhaabattan ta'uu keessan dubbachu'uun, nu'u woldayoota amanti'ii kaanniin jidduu taanee, isiniin ni dhaadanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf miidha'aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna'aan jabaattaneef, nuuti wolde'oota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna.