2 Thessalonians 1:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan fuula Gootta'aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Waaqa imbeenne suni fuula Waaqaatiifi jabeenna isaa gudda duraa kaasani gaargala haga jiru jireenna argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra Waaqaa hinbeenne sun fuula Waaqaatii fi jabeenna isaa guddaa duraa kaassaniitti badii haga jiruu jireennaatti galchan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaafa san woyyootaan ulfaachu'uu fi ragaa keennallee waan amantaniirtaniif, worra amanan maraa biratti ajaa'ibsiifamu'uuf hennaa dhufu, worri afoo Goofta'aatii fi ulfinna hunna Rabbii irraa fagaatan badii bara baraa keessatti adabaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gaafa san woyyootaan ulfaachu'uu fi ragaa keennallee waan amantaniirtaniif, worra amanan maraa biratti ajaa'ibsiifamu'uuf hennaa dhufu, worri afoo Goofta'aatii fi ulfinna hunna Rabbii irraa fagaatanii badii bara baraa keessatti adabaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee Gooftaa duranaa fi ulfinna isaa ol aanaa irraa fooyamanii, balleessaa bara baraatiin ni adabaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan fuula Gootta'aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman;