2 Thessalonians 2:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja ch'ufa maro teesaniifi Waaqaa galata deebisu malle, isani oboleyaani Aabbooni jaalatu. Wonti akanatiifi Waaqi haguma qara isani fohate, aka baafamtani, waan Lubbuuni isani qulqulleesite isani d'uga fud'attaniifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan obboleeyyaan Aabboon jaalatee, akka Hafuura Qulqulloon qulqulloomtanii, dhugaatti dhugeeffatanii, baaffamtan Waaqii qaraa foohatee, yo cufaa marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu malle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu ammo worra Goofta'aan jaalatamtan! hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu ammoo worra Goofta'aan jaalatamtan hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Goofta'aan ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Nu'u garuu waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa galateeffachu'utu nurraa mala, ka galateeffanuuf'llee isin Hafuura Qulqullu'uun qulqullaawomuu fi dhuga'atti'llee amanu'uun akka fayyitaniif, Waaqinni jalqaba waan isin filateef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna.