2 Thessalonians 2:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, “Ani Waaqa” jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan nami kad'atuufi ka nami guddisu ch'ufa inni indida. Inni waan ch'ufa ira ufi guddise, d'aqe Mana Waaqa keesa tae Waaqa ufiini jed'a!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii dhufu sun waan namii kadhatuuf ka namii guddisu cufaa hindida. Innii waan cufaa irra ufi guddiseetti, dhaqee mana Waaqaa keessa taa'ee Waaqaa ufiin jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani Rabbi jedha'aa» labsi'iin hima'aa, haga mana woyyuu Rabbii keessatti worra Waaqa jedhaman maraa caalaa, ka namoonni waaqeffatan maraa ol ka uf qabuu fi morma'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ani Rabbi jedha'aa» labsi'iin hima'aa, haga mana woyyuu Rabbii keessatti, worra Waaqa jedhaman maraa caalaa, ka namoonni kaddaaman maraa ol ka uf qabuu fi morma'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni jeeqamaa kun waaqolee harkaan hojjataman jedhamanii ka waaqeffataman maraa olitti, mataa ufii ol ni qaba, «Ani Waaqa» jedha'aa, Manuma Waaqaa keessa taa'uufuu ni ugga.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.