2 Thessalonians 3:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessis ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana anini harkuma kiyyaani t'aafa: Pauloni nagaya isani fuud'a. Anini tatabe ch'ufa akana maqa kiyya jalati t'aafa; anini akana t'aafa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan kana harkuma kiyyaan barreessa. Anin Phaawulos nagaa isanii dhaama. Anin yo cufaa ergaa tiyya akkuma kana barreessa; akeekii beekaniin kun ergaa tiyya cufaa irruma jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhaamsi kun ka ani Phaawuloos harkuma kiyyaan barreesse. Ragaa dhaamsa ergaawwan kiyyaa maraa akkanatti barreesseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhaamsi kun ani Phaawuloos harkuma kiyyaan ka barreese. Ragaan dhaamsa kiyyaa marattuu akkanatti barreesseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nagaya kana harkuma kiyyaan ka barreesse ani Phaawulos, ergaa kiyya mara keessattuu malikanni arigamu kana. Ka barreessu'llee akkuma kana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessisi ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana.