2 Timothy 1:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne'een anatti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande'u addadheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
maro waan kanatifi anini akana gaargala. Ammo anini ammalle inch'eerfad'u, waan anini nama abdad'e beekhufi, ammalle imbeekha aka inni haga guyyaani gahuuti waan inni harka kiyyati kenne qorqoratu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin marroo waan kanaatif akkana gaargaluu jira. Anin ammoo waan ka abdadhee beekuuf hinceerfadhu, ammallee akka innii haga guyyaan gahuuti waan harka kiyyaatti kenne qorqoratu inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa kanaan rakkinni na irra gayeera. Haa ta'uu ammo rakkinna na irra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sababaa kanaan rakkinni narra gayeera. Haata'uu ammoo rakkinna narra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Rakkinna kana ka fudhadhuuf'llee waayee kanaan, garuu eennuun akka amane waan beekuuf itti hin saalifadhu, yaboo natti kenname'llee haga guyyaa sanii titti, eegu'uuf akka danda'u hubadhee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne'een natti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande'u addadheera.