2 Timothy 1:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf ana irraa baratte, dhugeeffanna'aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi d'uga ta anini si barsiise ha akheekha sii taatuuti, jabeesi, d'ugefachaafi jaalala ta maro Kristo Yesotiifi teenna taate keesa tai.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbiin dhugaa ta anin si barsiise ha akheekha sii taatuutii, jabeessi, dhugeffachaa fi jaalala ta marroo Kiristoo Yesusiitiif teenna taatee keessa ta'i.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amanti'ii fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii na irraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amanta'aa fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii narraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbii amanisiisaa ana irraa baratte akka fakkeennaa taasfttee, Yesus Kristosiin amantii fi jaalala qabnnu eegi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf na irraa baratte, dhugeeffanna'aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu.