2 Timothy 1:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkaniif fi guyya'aa keessatti yennaa si qaabbadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu'uun tajaajilu hin galateeffadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Waaqa ka qalbi dansaani, akuma ababooti teenna tolchite hojad'uufi, galata deebisa. Anini galata isaa deebisa hojja halkani guyya kad'acha tiyya keesati si qaabad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin Waaqaa ka qalbii dansaan, akkuma abaabootii teenna hojjatte hojjadhuuf, galata deebisa. Anin halkanii guyyaallee kadhachaa tiyya keessaatti marro tante yo isaa kadhadhuu galata deebisaaf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kutin kadha'aan waan si yaadadhuuf akka abbootii tiyyaatitti Rabbii sammuu qulqullu'uun waaqeffadhu hin galatoonfadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kuttin, kadha'aan waan si yaadadhuuf akka abbootii tiyyatitti Rabbii sammuu qulqullu'uun kaddaamu hin galateeffadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo maraa halkanii fi guyyaa kadhanna'aan yoo si yaadadhu, akkuma abbootiin kiyya raawwatanitti ani'llee sammuu Qulqullu'uun Waaqa tajaajilu ni galateeffadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkanii fi guyya'aa keessatti yennaa si qaabadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu'uun tajaajilu hin galateeffadha.