2 Timothy 1:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Imimmaan teeti qaabbataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Imimaani kanke inqaabad'a, waan kanaafi guddo si argu fed'a, aka guddo gammadu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Imimmaan kankee qaabadhee, waan kanaaf guddoo si arguu fedha, akka guddoo gammadu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Imimmaan kee yaada'aa gammachu'uun guuttamu'uu fi si arguu hawwa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Imimmaan kee yaada'aati gammachu'uun guuttamu'uu fi si arguu hawwa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Imimmaan kee ni yaadadha, kanaaf haalaan akka gammadu si argu'uuf ni hawwa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Imimmaan teeti qaabataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada.