2 Timothy 1:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugeeffannaa dhuga'aa ta ati qaddu hin qaabbadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo'isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini d'ugefacha tante ta d'uga inqaabad'a, d'ugefacha ta aka akko tante Losifi haate Eunikeni qabani. Atileeni tami akasi qabda, imbeekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin dhugeeffachaa dhugaa ta akka akkoo tantee, Lo'osii fi haadhaate Ewuniiqeen qabanii, akka Atileen tama akkasii qabduu, inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amantii uf jajuu hin qabne ta si keessa jirtu hin qaabadha. Amantiin kunillee dura akaakayyuu kee Loyidiin, haadha tee Ewunqee keessa ture. Akkasuma amantiin sun si keessallee akka jiru hubadheera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amantaa uf jajuu hin qabne ta si keessa jirtu hin qaabadha. Amantaan kunillee dura akaakayyuu kee Loyiddiin haadha tee Ewunqee keessa ture. Akkasuma amantaan sun si keessallee akka jiru hubadheera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amantiin dhuga'aa ka si keessa jiru ni yaadadha, amantiin akkana kun jalqaba akkaakayyuu kee Lo'isii fi haadha tee Ewuniiqee keessa ka ture, si keessa'llee akka jiru hubadhee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugeeffannaa dhuga'aa ta ati qaddu hin qaabadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo'isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera.