2 Timothy 1:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif ana woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbo Yeso d'ugeesu inch'eerfatiini; ana ka maro isaatiifi hid'anile inch'eerfatiini. Ammo, maro Odu Dansaatiifi gaargala obsi, akuma Waaqi jabeenna sii kenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma Waaqii jabeenna sii kennee, marroo oduu dansaatiif gaargala malee, Aabboo Yesus dhugeessuu inceerfatin; anaa marroo isaatiif hidhanillee inceerfatin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf, yookaan anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haa ta'uu ammo haga hunna Rabiitiin waan Dubbii Nagayaatiif na woliin rakkadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf yookiin anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haata'uu ammoo haga hunna Rabiitiin waan Oduu Nagayaatiif na woliin rakkadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Egaa waayee Gooftaa keennaa ragaa bayu'uuf hin saalifatin, waayee isaatiif ka itti hidhame anatti'llee hin saalfatin, garuu huminna Waaqinni siif kennuun, anaan woliin rakkinna fudhadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif na woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani Kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin.