2 Timothy 1:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura kara Kiristoosiitiin nu'uuf kenname.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni nu baase, jireenna qulqullo iti nu yaame, maro nu waan dansa tolchinefiiniti, ammo maro fed'ifi eeba isaati. Inni eeba tana ato lafa inuumiini Kristo Yeso keesa nuu kenne,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii nu baaseetti, jireenna qulqullootti nu yaame, wantii innii nu baaseef marroo nu waan dansaa tolchineefiinitii, marroo fedhii fi eebba isaati. Inni eebba tana adoo lafa hinuumiinuu karaa Kiristoo Yesusiitiin nuu kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni waayee hujii mishaa nu'u raawwanneetiif uduu hin ta'in, fedhii mataa isaatii fi kennaa isaa ka bilisaatiin nu ni fayyise, Qulqulluumma'aaf'llee nu ni waame, kennaa isaa ka bilisaa kana'llee barootaan duranatti karaa Yesus Kristositiin, nuuf ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura karaa Kiristoosiitiin nu'uuf kenname.