2 Timothy 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi tante waan kana qaabsiisi, Waaqa durati gorsi, aka worri maro dubbitiifi wolindinne. Wonti suni woma namaa imbaatu, ammo worra ch'aqasu ch'alla balleesiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumii tantee waan kana qaabsiisii, Waaqaa duraatti gorsi; akka warrii marroo dubbiitiif wali hindinne. Wantii sun ufumaa warra caqasu callaa balleessiti malee, homaa namaa hinbaatuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kana isaan qaabsis; dubbi'iin akka wol hin dhabne, Rabbiin afo'otti gorsi. Kun waan faayidaa hin qabne, worra dhagayullee waan diiguuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kana isaan qaabsis, dubbi'iin akka wol hin dhabne, Rabbiin afo'otti gorsi. Kun waan faayidaa hin qabne, worra dhagayullee waan diiguuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waan kana isaan hubachiis, waayee jechootaatiin akka wol hin mormmineef'llee Gooftaa duranatti isaan ufi eeggachiis, mormmiin jechaa kun'llee namoota dhagayan ni balleessa malee, womaafuu hin fayyadu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti.