2 Timothy 2:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini ya kara d'uga lakise, d'ugefacha jara d'ugefate ka gari yake, Kaisi keenna yayu dabre jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kunin “Du'aa ka'iisii keenna ya dabree” jedheetti, karaa dhugaa lakkissee, dhugeeffachaa nama gariillee balleesse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan kunniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa dhugaa irraa dogoggoranii amantii namoota gari gari'ii balleessaniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan kuniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa, dhugaa irraa dogoggoranii amantaa namoota gari gari'ii balleessaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni kunniin, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii duraan ta'ee jira» jedha'aa mormmuu isaaniitiin dhugaa irraa fagaatanii jiran, amantiin namoota tokko tokkoo'llee ni raasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran.