2 Timothy 2:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, “Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka”, ammalle “Nami maqaa Gootta'aa wamuu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti” ta jettu barreeffanteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yayabi Waaqi keyate dandae inchochou; ammalle dubbi tana irati t'aafani: Aabbooni worra isaa ch'ufa fuula beekha; ammalle, Nami nama Waaqa ufiini jed'u hameenna lakisu male jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yayabii Waaqii keeyyate hinchocho'u; ammallee dubbii tana irraatti barreessiin: “Aabboon warra isaa cufa fuula beeka, ammallee namii ‘Nama Waaqaa’ ufiin jedhu hameenna lakkisuu male” jetti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Gooftaan worra isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeenna irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Gooftaan worra ka isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeena irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu, «Gooftaan worra ka isaa ta'an ni beeka» akkuma kana, «Ka maqaa Goofta'aa waamu marrinuu hamaa irraa haa fagaatu!» chaaphaan jedhu ka irraa jiru, ka hin sochoone hundeen Waaqaa jabaatee ni jiraata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, «Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka», ammalle «Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti» ta jettu barreeffanteerti.