2 Timothy 2:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Mana guddaa tokko keessa meyi worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, meyi muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; meyi kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana gudda keesa miha gosa hedduti jira. Ka gari qarsifi worqi, ka gari faarafi mukha; ka gari gatiini guddo ka gari gatiini diqo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mana guddaa tokko keessa mi'a gosa hedduutti jira. Ka garii qarsii, warqii, ka garii faaraa fi muka; ka garii gatiin guddoo ka garii gatiin diqqoo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana guddaa keessa meeshaa mukaatii fi meeshaa faaraa calla uduu hin taane meeshaan worqi'iitii fi ka meeti'iillee hin jira. Gariin ulfinnaaf, gariin salphinnaaf oola.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana guddaa keessa meeshaa mukaatii fi meeshaa faaraatitu jira malee, meeshaa meeti'iitii fi worqi'ii calla'aa miti. Gariin ulfinnaaf, gariin salphinnaaf oola.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mana guddaa keessa woriqqi'ii fi meetaa irraa meeshaawwan hojjataman qofa uduu hin ta'in, mukaa fi faaraa irraa meeshaawwan hojjataman'llee ni argaman, isaan keessaa'llee tokko tokko tajaajila ulfinnaatiif, kuunniin'llee tajaajila ulfinna hin qabnneef ni oolan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mana guddaa tokko keessa mey worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, mey muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; mey kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a.