2 Timothy 2:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami waan hamtu ch'ufa iraa ufi d'owe ufi qulqulleese, nama suni waan jabdu dandaani isani tolchani, waan inni aka huji dansa ch'ufa hojatu ufi baase abba ufiiti wo bahefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii yo waan hamtuu cufa irraa ufi dhowwee, ya ufi qulqulloomse, waan innii akka hujii dansaa cufa hojatu ufi baasee abbaa ufiitii wa ba'eefii, nama sunii waan jabdu tolchan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa eennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaaye ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa ennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaye ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanniin wonittoota ulfinna hin qabnne irraa fooyamee qulqulluu ta'ee naminni jiraatu, akka meeshaa tajaajila kabajameef ooluu ni ta'a, tajaajila mishaa kamiifuu ka qophaaye, Goofta'aaf ka qulqullaawome fayyadaa itti fayyadamaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran.