2 Timothy 2:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hasaa daalluma ka nama woma imbeenne lagad'u; wonti kunini woldidiisaani d'ufti, imbeeta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo haasaa daallumaa ka nama homaa hinbeenne irraa fagaadhi; wantii kunin waldiddaan dhufti, inbeettaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo wol dhabbii akka fidu beekiitii worra ceem'anii fi qora worra hin barannee irraa fagaadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo wol dhabbii akka fidu beekiitii worra ceem'aaniif qora worra hin barannee irraa fagaadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wol dhabbii akka fidu beekittee wol mormmii gowumma'aatii fi woca tasaa irraa fagaadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu.