2 Timothy 2:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askartiini huji hojattu gudda isii gammachiisu feeti, waan d'ibi ka huji askartii intahiini keesa seenu imfeetu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii waraanaa hujii hojjatuun guddaa isaanii gammachiisuu fedha, malee waan dhibii ka hujii warra waraanaa hinta'in keessa seenuu hinfedhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni duulu maruu ka lolaaf erge gammachiisu'uuf jedhee fuudhaa fi daldalaan uf hin hidhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni duulu maruu ka lolaaf erge gammachisu'uuf jedhee, fuudhaa fi daldalaan uf hin hidhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Loltumma'aan naminni tajaajilu ajajaa isaa ka woraanaa gammachiisu'uuf qophaayaa ta'uu qaba malee, dhimma lolttummaa hin ta'in irra hin oolu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu.