2 Timothy 3:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Miidha'aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya'atti, Iqoniiyumii fi Lisxira'atti ana dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa ana hanbure.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
gaargala kiyyafi d'aanicha kiyyale agarte. Waan Antiokiafi Ikoniofi Listra keesati na tolchani quba qabda, gaargala hama anini argad'e ch'ufa! Ammo Aabbooni ya waan suni ch'ufa keesaa na baase.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
gaargala kiyyaa fi dhaanicha kiyyaallee ati ya agarte. Waan Anxokiyaatti, Iqoniiyumitti fi Lisxiraa keessaatti na tolchanii fi gaargalaa hamaa anin argadhe cufaa atin quba qabda! Aabboon ammoo ya waan sun cufaa keessaa na baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
ari'amuu kiyyaa fi rakkachuu kiyya Anxookiya'atti, Iqooniyoonitti, Lisxiraanitti waan na irra gaye maraa ari'atama'aa obsellee hin beetta; Gooftaan garuu kanniin maraa jalaa na oolche.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yaada, amantaa, obsa, jaalala, jabaachuu, baqachuu, rakkinna kiyya faanaallee deemteerta. Antsookiyaa, Iqiniyoonii fi Lisxiira'atti waan narra gayee obseef waan baqa kiyyallee hin beetta. Gooftaan waa mara jalaa na hambise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
akkuma kana ari'atama kiyyaa fi rakkinna kiyya ni beekitta, Anxokiya'aa fi Iqoniiyumi, Lisxira'aatti'llee waan ana irra gayee fi obissaan ari'atama fudhadhe'llee ni beekitta, Gooftaan garuu mara jalaayyuu ana ni fayyise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Miidha'aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya'atti, Iqoniiyumii fi Lisxira'atti na dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa na hambure.