2 Timothy 3:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te'an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
wolballeesu fed'ani, mata jabaatani, ufi guddisani, Waaqa ira gammada jaalatani;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
walballeessu fedha, mataa jabaata, ufi guddisa, Waaqaa irra gammada jaalata;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota, worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra uf gammachiisuu jaalatan ta'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra, uf gammachiisuu jaalatan ta'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ganttoota, ufi eeggannaa ka hin qabnne, ufi tuulummaan ka afuufaman, Waaqa jaalachuu irra gammachuu foonii isaanii ka jaalatan ni ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te'an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan;