2 Timothy 4:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Luqqaas qofattuu ana bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koyi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Luka ch'allaani woliini jirra. Mariko barbaadi, woliini koota, inni huji na qarqaaru indandaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Luq. aas callaan waliin jira. Maarqos barbaadii, waliin koottaa, innii hujii na qarqaaru indandaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Luqaasiin calla'atu na woliin jira. Maarqoos tajaajilaaf waan na gargaaruuf qabadhuu naa koottuun.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Luuqaasiin calla'atu na woliin jira. Maarqosi tajaajilaaf waan na gargaaruuf qabadhuu naa koottuun.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ana woliin ka jiru Luqaasiin qofa, Maarqoos tajaajilaaf waan ana fayyaduuf, barbaadii qabiinii koottu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Luqaas qofattuu na bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koy.