2 Timothy 4:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani waan itti himataameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle ana qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa anini guyya qara ufi dubbad'e, nami tokoleeni na inqarqaare; nami ch'ufti na biraa yae. Waaqi waan suni worrati inheregiini!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa anin guyyaa qaraa ufii dubbadhee, namii tokkolleen na hinqarqaaree, namii cuftii na biraa ya'e. Waaqii waan sun warratti hinherregiini!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu na irraa dheessan malee eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu narraa dheessan malee, eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee waan ittiin himatameetiif ragaa ittisaa kiyya ka jalqabaa yeroo dhiyeeffadhetti, marrinuu ana fooyaman malee, ana woliin ta'ee ka ana gargaare eennu'llee hin turre, Waan kana'llee Waaqinni akka balleessa'aa taasisee isaanitti hin lakkaayin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani waan itti himatameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle na qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin!