2 Timothy 4:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi hojjaani nami barsiisa d'uga gula indeemne ind'ufti, ammo fed'i ufi ch'alla gula yau, nami ch'ufti barsiiftu heddu barbaadata, ta waan worri d'agayu fed'u worrati odeesitu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanatiif barii namii barsiisa dhugaa gula hin yaa'uu, fedhii ufi callaa gula yaa'uu, indhufa; namii cuftii barsiisota hedduu waan gurrii warraa fedhu warra barsiiftu waliitti barbaadata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaan namoonni, barumsaa sirrii ta'e dhagayuu jibban waan dhufuuf, worra gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiisee dhara dhagayu'uuf isa hoossisu, akka fedha ufiititti barsiisota ufii qopheeffatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaan namoonni, barumsaa sirrii ta'e dhagayuu jibban waan dhufuuf, worra gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiise, dhara dhagayu'uuf isa hoossisu, akka fedha ufiititti barsiisota ufii qopheeffatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni barsiisa jireenni ittiin argamu dhagayu'uuf yeroon itti hin barbaadnnetti ni dhufa, barsiisota waan isaan jaalatan isaanitti himan wolitti ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan.