2 Timothy 4:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa anaaf qophoyeera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi anaaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Armaa achi surree qajeelummaa naa qopheessani, Aabboon abbaan muritii qajeelaan, guyyaa sun surree naa keenna; na callaaniti ammoo warra jaalalaan dhufiisa isaa eegu cufaa inkenna
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa naaf qophoweera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi naaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna.