3 John 1:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami maraa dansaa Demeexroosii dubbata; dhugaalle dansaa isaa dubbatti. Nuutille dansaa isaa hin dubbanna; dhugaa bayiis keenna dhugaa akka teete ati hin beetta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti waan Demetrio dansa dubbata; d'ugaleeni waan isaa dansa dubbatti. Nuleeni d'uga teenna iti dara, atini aka wonti nu jennu d'uga imbeeta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nami cuftii waan Demeexros dansaa dubbata; dhugaalleen waan isaa dansaa dubbati. Nulleen dhugaa teenna itti darraa, atuu akka wantii nu jenne dhugaa inbeetta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf; dhugaanillee ragaa baatiif; nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf, dhugaanillee ragaa baatiif, nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deemtriusiif naminni marrinuu haala misha'aan ragaa ni bayaaf. Dhugaan mataan isiituu ufii isi'iitii ragaa ni baati. Nu'llee ragaa ni baanaaf, ragummaan keenna'llee dhugaa ta'uu ni beekitta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami maraa dansaa Demeexroosii dubbata; dhugaalle dansaa isaa dubbatti. Nuutille dansaa isaa hin dubbanna; dhugaa bayiisi keenna dhugaa akka teete ati hin beetta.