Acts 1:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri ammalle tae gubba ilaalu, jari lamaani toko, ka woya adaadi qabu, worra bira ejaanje.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo warrii ammallee ila itti qabee karaa innii ba'e sun gubbaa taa'ee ollaaluu, jarii lamaan tokko, ka wayaa adaadii qabu, warra bira ejaajje.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni deemnaan gara sami'ii xiinxallanii uduu lala'aaran namoonni lamaan uffata adii uffatan ladda isaanii dhaabatanii,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni deemnaan gara sami'ii xiinxallanii uduu lala'aaran namoonni lamaan uffata adii uffatan ladda isaanii dhaabatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni ol deebi'aa uduma jiru, isaan guutatanii gara samii yoo laalan, uffata adaadii ka uffatan namoonni lamaa isaan bira dhaabatanii,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee,