Acts 1:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari kaani waan jed'e, D'iiro, worra Galilaya, isani maafi ejaanjitani gubba ilaaltani? Yesoni kuni, ka isani bira gubbati oldeebie, akanuma eegi tana deebia, aka isani isa gubba deemu argitani kana.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii kaan, “Dhiiroo, warra Galiilaa, isan maaf ejaajjitanii Waaqaa keessa ol laaltani? Yesusiin kun, ka isan biraa gubbaattii oldeebi'e, akkanuma eegii tanaallee, akka isan isa gubbaa deemu gartani kana deebi'a” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namoota Galiila'aa! maaf dhaabattanii gara sami'ii laaltan? Yesuusiin isin biraa gara sami'ii baye kun akkuma hennaa deemu argitan akkasuma deebi'ee dhufa» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Namoota Galiila'aa, maaf dhaabattanii gara sami'ii laaltan? Yesuusiin isin biraa gara sami'ii baye kun akkuma hennaa deemu argitan akkasuma deebi'ee hin dhufa» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin namoonni Galiila'aa, maali'iif gara samii ol laalaa dhaabattanii jirttan? Kun gara sami'ii ol yoo deebi'u Yesusiin argitan, bifuma gara samii ol yoo deebi'u argitaniin, deebi'ee ni dhufa» isaaniin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa» jedhane.