Acts 1:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii hadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini ch'ufti nad'eenifi Mariamu haad'a Yesotiifi oboleyaani isaa woliini garaa tokooni Waaqa kad'ate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kun cuftii nadheen waliin, Maariyaam haadha Yesusitii fi obboleeyyan isaallee waliin garaa tokkoon Waaqaa kadhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin maruu dubartoota, haadha Yesuusii Maariyaamii fi obboleeyyan woliin yaada tokko ta'anii Rabbiin kadhachu'uun jabaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin maruu dubartootaa fi haadha Yesuusii Maariyaamii fi obboleeyyan woliin yaada tokko ta'anii faateffachu'uun jabaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunniin marrinuu yeroo maraa kadhanna'aaf bakka tokkotti wol ni gayan turan, isaan woliin'llee dubarttoonni tokko tokkoo fi haati Yesusii Maariyam, akkuma kana obboleeyyan Yesusii'llee ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii haadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.