Acts 1:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaaf diddama geettu tokko keessa dhaabbatee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi bulti diqo, Petroni jiddu oboleyaani keesa olejate (ka worri ch'ufti wolti nama d'ibba tokofi diddama) waan jed'eeni,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo haguu hinbulin, Phexros jidduu warra dhugeeffatee keessa ejjee (ka Warrii cuftii walti haga nama dhibba tokkoo fi diddamaa),
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Pheexroos amantoota dhibbaa fi diddamaa wodhakkaa dhaabatee akkana jedhe,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaa fi diddamaa geettu tokko keessa dhaabbatee,