Acts 1:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawwititiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani tiyya t'aafiini tuni ta Lubbuuni Qulqullooni, afaani Dauditini waan Yuda ka worra Yeso qabe Yesotiini d'ufe fadde guutamu malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Oboleeyyaan tiyya, barreessiin tun ta hafuurii qulqulloon afaan Daawititiin waan Yihudaa ka warra Yesus qabe Yesustiin dhufee fage guutamuu malte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Amantoota! waan Yihuudaa worra Yesuusiin qabaniif masakkaa ta'ee wonti Ayyaanni Woyyuun afaan Daawitiitiin dursee dubbate dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Obboleeyyan tiyya! Worra Yesuusiin qabaniif bulchaa ta'ee Ayyaana woyyu'uun afaan Daawitiitiin dura wonti dubbatame sun haa raawwatamuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yaa obboleeyyan, waayee Yihudaa namoota Yesusiin qabaniif durssaa ta'ee, Hafuurri Qulqulluun durssee afaan Daawiitiitiin ka dubbate, dubbiin kitaaba Qulqullu'uu raawwatamuu qaba ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawitiitiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu.