Acts 1:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Kitaaba Faaru'uu keessatti, ‘Manni isaa ona te'uu ti; eennulle keessa hin le'in’; akkasuma, ‘Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti’ jedhantee barreefanteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi kitaaba Faaru keesati t'aafani waan jettu, Mani isaa ha ona tahu, nami tokoleeni iti ingaliini. Ammalle nami d'ibiini ha huji isaa fud'atu jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif kitaaba Faaruu keessatti barreessiin, ‘Manii isaa ha ona ta'uu, namii tokkoolleen itti hingalin. Ammallee namii dhibiin ha hujii isaa ta bulichiisaa fudhatuu’ ” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaaba faarfanna'aa keessatti, ‹Jireenni isaa lafa gammoojji'ii haa ta'u; womaa keessa hin jiraatin›; akkasuma, ‹Baallii isaa namni biraa haa fudhatuu› jedhamee waan barreeffameeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaaba faarfanna'aa keessatti, ‹Jireenni isaa lafa gammoojji'ii haa ta'u; womaa keessa hin jiraatin›; akkasuma ammoo, ‹Baallii isaallee ka biraa haa fudhatuu› jedhamee waan barraayeeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kun'llee wonitti ta'eef kitaaba Faarfanna'aatiin, ‹Manni inni keessa jiraatu duwwaa haa daawatu, eennu'llee keessa hin jiraatin, dabalee'llee muudama isaa naminni bira'aa irraa haa fudhatu› ka jedhu, barreeffamee waan tureef.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kitaaba Faaru'uu keessatti, « ‹Manni isaa ona te'uu ti; eennulle keessa hin le'in›, akkasuma, ‹Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti› jedhantee barreeffanteerti.