Acts 1:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nami toko goli teenna tahu male, aka inni kaisa Aabbo Yeso nu woliini d'ugeesu, nami suni nama bara nu Aabbo woliini teenne nu woliini jiru tahu male, haga Yohana nama batisutifi haga Yesoni nu bira gubbati olgale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Tanaaf nama tokko ka bara nu Aabboo Yesus waliin teenne cufaa nu waliin jiruu, nu barbaachisa; namii sun nama haga Yoh. aannisii nama cuuphuutii jalqabee haga guyyaa Aabboo Yesus nu biraa gubbaatti olgalee nu waliin jiru ta'uu malee; akka du'aa ka'iisa, Aabboo Yesus nu waliin dhugeessu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu cuuphaa Yohaannisiitii jalqabee haga guyyaa nu biraa ol bayeetitti bara Gooftaan Yesuus nu jidduu jiraate namoota nu woliin jiran keessaa,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu cuuphaa Yohaannisiitii jalqabee haga guyyaa nu biraa ol bayeetitti Gooftaan Yesuus nu jidduu bara jiraate namoota nu woliin jiran keessaa, tokko nu woliin ragaa du'aa ka'uu isaa ta'uu barbaachisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Gooftaan Yesus jidduu keenna yeroo dedeebi'e marattuu, nu woliin worra turan keessaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa,