Acts 1:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba isaan, “Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi” jedhaa daadimatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Waaqa kad'atani waan jed'ani, Aabbo, atini garaa nama ch'ufa imbeeta. Nama atini fohatte, jara lamaani kana keesa nu garsiisi,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Waaqaa kadhatanii, “Aabboo, atin garaa nama cufaa inbeetaa, atin nama foohatte, jara lamaan kana keessaa nu garsiisi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Rabbiin kadhatan, «Gooftaa'a! ati ka garaa nama maraa beettu hulee Yihuudaan dhiisee gara fedha ufii deeme saniif hujii ergamu'uu kana akka huju,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa faateffatan, «Gooftaa'a, ati ka garaa nama maraa beettu hulee Yihuudaan dhiisee gara fedha ufii deeme saniif hujii ergamu'uu kana akka huju,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana jechuun'llee ni kadhatan, «Onnee namaa mara ka beekittu yaa Gooftaa, Isaan lamaan kanniin keessaa eennuun akka filatte nutti muldhis,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan, «Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi» jedhaa daadimatane.